Tajaajilli Kaffaltii Boba’aa Baankota Hundatti Eegaluufi

Baankota muraasa qofatti raawwatamaa kan ture tajaajilli kaffaltii Boba’aa yeroo itti aanu baankota hundatti eegaluuf ta’uu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise.

Komii tajaajilamtootaa fi baankileen biroo kaasaa turan furuuf tajaajilicha babal’isuun barbaachisaa ta’uu Abbaan taayitichaa himeera.

Filannoowwan kaffaltii kana dura Baankii Daldala Itiyoophiyaa, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fi Teelee Birriin qofa raawwatamaa ture Baankilee hundatti akka raawwatamu taasiifamuuf ta’uu Daayrektarri Kominikeeshinii Abbaa Taayitichaa Baqqalachi Kumaan Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.

Tajaajila kana eegalchiisuuf wixineen qophaa’aa jiraachuu dubbataniiru.

Sirni kaffaltii kun yeroo dhiyootti hojiirra kan oolu ta’uu eeraniiru.

Masaafinti Iyyaayuutu gabaase.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *