Jereh Group Karoora Invastimantii Itiyoophiyaa Babal’isuuf Baase Ifoomse

Rippabiliika Ummata Chaayinaatti Ambaasaaddarri Addaa fi Aangoo guutuu Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Tefera Derbew Galma Agarsiisa Garee Jereh, Paarkii Indaastirii Oomisha Meeshaalee Boba’aa Jereh, Meeshaalee Baatirii Deebisuu Jereh Liitiyeem fi Dhaabbata teeknooloojii dijitaalaa Shandong Jerei daawwataniiru.

Ambaasaaddarichi pirojektii invastimantii naannoo Affaar, Ityoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hooggantoota Jereh Group waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Teferaan hoggantoonni kunneen invastimantii Itiyoophiyaa keessatti qaban babal’isuuf jajjabeessaniiru. Hoggantoonni kunneen hojiiwwan biyyattii biroo irratti invastimantii gochuuf karoora qaban yeroo dhiyeessan Intarpiraayizoota dhuunfaa Ityoophiyaa keessatti invastimantii gochuuf fedhii qaban deeggaruuf kutannoo mootummaan qabu mirkaneessaniiru.

Maddi: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *