Walgahiin Garee 77 fi Chaayinaa xumurameera

Walgahiin Garee 77 fi Chaayinaa guyyoota lamaaf Kuubaa magaalaa Haavaanaatti gaggeeffamaa ture galgala kana xumurame.

Itti aanaan muummicha ministeeraa fi ministeera haajaa alaa Dammaqe Mokonnen haasaa konfiraansii kanarratti taasisaniin, dhaabbileen idil-addunyaa haaromsa dhugaa fedhii Hemisfeera Kibbaa keessummeessuu danda’u gochuu qabu jedhan.

Akkasumas qoqqobbii dhuunfaa fi tarkaanfiiwwan dinagdee aangoo irratti hundaa’an jijjiirama saayinsii, teeknooloojii fi guddina dinagdee akka gufachiisan ibsaniiru. Waltajjii tumsa Kibbaa fi Kibbaa keessatti dabarsuu beekumsaa fi teeknooloojii haala mijeessuun kalaqa guddisuu fi galmoota misooma itti fufiinsa qabu hojiirra oolchuu keessatti gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Gama biraatiin Itiyoophiyaan tarsiimoo dijitaalaa hojiirra oolaa jiruun diinagdee dijitaalaa hunda galeessa ta’ee fi hawaasa bal’aaf fayyadamummaa bal’aa argamsiisuu danda’u uumuuf hojjechaa jirti jedhan.

Kanumaan walqabatee Ityoophiyaan tarsiimoo hojiirra oolchuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa akka jirtu obbo Dammaqen ibsaniiru.

Ityoophiyaan gama walta’iinsa biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irrattis konfiraansii kanarratti hojii milkaa’aa akka hojjatte ibsameera.

ESAn akka gabaasetti konfiraansiin Kuubaatti gaggeeffame dhuma irratti ibsa ejjennoo baase.

Maddi: EPD

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *