Waggoota afran darbanitti dameen al-ergii giddu galeessaan guddina dhibbeentaa torba agarsiiseera

Akka Ministeerri Karooraa fi Misoomaa ibsutti Itoophiyaatti waggoota afran darbanitti bu’aa giddu galeessaan dhibbeentaa torbaa galmeessuun kan danda’ame xiyyeeffannoo damee al-ergii irratti taasifameen ta’uu ibsameera.

Dameen qonnaa dameewwan daldala alaa keessatti qooda guddaa qaba ture. Damee qonnaa irraas baayyinaan buna, zayitii, daraaraa fi caati caqafama. Bunaa fi oomisha daraaraa dameewwan bu’aan isaanii eegame caalaa ol’aanaa ta’uu ibsameera.

Seektarri albuudaa sadarkaa lammaffaa damee guddina gaarii agarsiisaa jiruu fi biyya alaa warqee dhiyeessuudhaan bu’aa galmeessaa jira.
Itti aansuudhaan damee omishaatiin oomishaalee huccuu sadarkaa sadaffaatti gabaa biyya alaatiif dhiyaachaa jiru. Kanneeniin alattis waggoota 4n darban keessatti baasii daldala tajaajilaa dabaluun isaa ni yaadatama.

Damee tajaajilaatiin bara 2012tti doolaara biiliyoona 4.69 argachuuf karoorfamee kan ture yoo ta’u, doolaarri biiliyoona 4.7 galmaa’eera jedhameera.

Bara xumura karoorichaa bara baajataa 2015tti 6.07 karoorfamee 7.1 galma ga’eera.

Maddi: EPD

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *