Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gabaa Chaayinaa keessa seenuuf hojjechaa jira: Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balalii haaraa Chaayinaa keessatti banuun Addis Ababa karra Afrikaa taasisuun gabaa isaa babal’isaa jira jedhan hoji gaggeessaan garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa torbee lama dura Kibba Lixa Chaayinaa magaalaa Cheengduutti tajaajila fe’umsaa kennuu eegale jira.

Balaliin fe’umsaa keenya gara Chaayinaa fi Afrikaa gidduutti qofa osoo hin taane, Awurooppaa fi Chaayinaa gidduuttis ta’a. Kanaafuu Chaayinaa keessatti hojii fe’umsaa guddaa qabna. “Daldaltoota Chaayinaa waliin ta’uun oomisha isaanii gara Afrikaa, Awurooppaa fi kutaalee addunyaa birootti erguuf hojjechaa turre,” jedhan hoji gaggeessaan olaanaa kun.
Yeroo ammaa kana Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gara bakkeewwan Chaayinaa shan jechuunis Beejiing, Guwaangzhoo, Shaangaayi, Cheengduu fi Hoong Koongitti balali’uun walumaa galatti torbeetti balalii 52 – imaltoota 28 fi fe’umsa 24 balali’a.

“Hanga ani beekutti lakkoofsi dhaabbilee Chaayinaa Itoophiyaa fi Afrikaa keessatti invastimantii godhanii dabalaa jira.” Daandiin xiyyaaraa kun daldaltoota gara Chaayinaa fi Afrikaatti balali’aniif tajaajila kennuu fi daldala mijeessuuf akka kaka’umsaatti hojjechuuf carraa guddaadha,” jedhan Obbo Masfin.
Akka hoji gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa jedhanitti, dhaabbati isaanii tajaajilaa fi dhaqqabummaa ummata Chaayinaa gabaa guddicha Afrikaa ni dabala. Dabalataannis Daandiin xiyyaaraa kun hariiroo dinagdee fi dippilomaasii Chaayinaa fi Afrikaa gidduu jiru keessatti gahee olaanaa akka taphatu ibsanii jiru.”

Maddi: Zhinowa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *