Taarifa zeeroo Chaayinaan babal’ina daldalaaf balbala akka banu himame.

Barsiisaan diinagdee Yuunivarsiitii Haromaayaa obbo Mollaa Alamaayyo (Dr.) wal’aansa taarifa zeeroo kennuun diinagdee Itiyoophiyaaf bu’aa adda addaa kan fidu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileef baasii hir’isa, bu’aa ni dabala, dorgommii oomishaalee gabaa addunyaa irratti ni dabala, fedhii oomishaa fi kanneen biroo ni kakaasa.
“Itiyoophiyaaf daldala ni dabala, dandeettii sharafa alaa biyyattii ni fooyyessa, madaallii daldalaa ni mirkaneessa, deebi’ee invastimantii ni jajjabeessa, hoji dhabdummaa ni hir’isa fi kkf.”

Haa ta’u malee, gufuuwwan yeroon furmaata argachuu qaban tokko tokko waan jiraniif carraa kana guutummaatti fayyadamuu irratti qormaanni ni jira. Rakkoolee jiran keessaa qulqullina oomishaa fi dorgomtummaa gabaa irratti, dabarsuu beekumsaa fi teeknooloojii, humna namaa ogummaa qabuu fi argama faayinaansii ni argamu. Carraa taarifa zeeroo galmaan gahuun qofti galma barbaadamu mirkaneessuu hin danda’u.
”Kana malees, carraa kana sirnaan adamsuuf wantootni biroo ilaalamuu qabu. Fedhii fi dhiyeessii gabaa Chaayinaa kanneen akka sadarkaa qulqullinaa, meeshaalee al-ergii, baay’ina al-ergii, akkaataa namoota biroo waliin dorgomuu danda’uu fi dhimmoota biroo beekuu qaba. Qorannoo gaggeessuun milkaa’inaaf dabalata,” jedhan.
Kanaafuu, gargaarsa taarifa bilisaa Chaayinaan kennitu haala bu’a qabeessa ta’een fayyadamuuf qulqullina oomishaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamuu akka qabu hayyuun kun akeekeera.

Ibsa Imbaasiin Chaayinaa Ityoophiyaan Heeraaldiif erge akka mul’isutti, Bitootessa 22, 2015 irraa eegalee meeshaaleen 8,804 sarara taarifaa dhibbeentaa 98n Ityoophiyaa irraa galfamaniiru.
Gargaarsa zeeroo reetii ni kenniti.
Tarkaanfiin kun jalqabbii prezidaantiin Chaayinaa Shii Jinping sirna baniinsa Yaa’ii Ministirootaa Saddeettaffaa Tumsa Chaayinaa fi Afrikaa (FOCAC) irratti beeksisan hojiirra oolchuuf kan qophaa’edha.

Tarkaanfiin kun walitti dhufeenya diinagdee Ityoophiyaa fi Chaayinaa daran kan cimsu yoo ta’u, biyyoota lameenuu akka fayyadu himama.
Yeroo kanatti gargaarsi taarifaa addaa biyyoota Afrikaa hedduudhaaf ni kennama. Kaayyoon isaas al-ergii biyyoonni kunneen gara Chaayinaa babal’isuu, dinagdee isaanii akka guddisan gargaaruu fi misooma walabaa fi itti fufiinsa qabu galmaan ga’uudha.
Chaayinaan hafuura michummaa Chaayinaa fi Afriikaa bara baraa guddifachuu fi tarkaanfiiwwan babal’ina daldalaa preezdaantii Shii Jiinping labsanii fi bu’aa yaa’ii Fookaasii hunda hojiirra oolchuuf Ityoophiyaa fi biyyoota Afrikaa biroo waliin cimtee akka dhaabbattu ibsichi ibseera.

#Maddi: Itiyoophiyaa Heeraald

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *