Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa Ministira Dhimma Alaa waliin ta’uun jila invastimantii fi daldala Paakistaan waliin marii taasiseera

Waltajjii guddina invastimantii Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa Ministira Dhimma Alaa waliin ta’uun qopheesse irrattis bakka itti aanaa muummicha ministeeraa fi ministeera dhimma alaa Kabajamoo Obbo Dammaqee Mokonen argamanitti jila invastimantii fi daldala Paakistaan waliin marii taasisaniiru.

Kabajamoo Itti aanaa Muummee ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqee Mokonen dandeettii invastimantii biyya keenyaa danda’u irratti garee kanaaf ibsa kan kennan yoo ta’u, mootummaan damicha deeggaruuf kutannoo qabaachuu fi waltajjiiwwan akkanaa hariiroo dinagdee biyyoota lamaanii cimsuuf gahee olaanaa qaban ibsaniiru .
Komishinarri Injiinar Laliisee Naamiif riifoormii seeraa fi imaammataa hirmaannaa dinagdee damee dhuunfaa guddisuu fi damicha deeggaruuf taasifamaa jiru irratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Jilli kun gama invastimantii adda addaa irratti hirmaachuu akka barbaadu kan ibse yoo ta’u, ambaasaaddaroonni biyyoota lamaanii hariiroo biyyoota lamaanii damee adda addaatiin akka guddatu waliin akka hojjetan ibsaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *