Ethno Mining oomisha warqee eegaluuf adeemsa irra jira.

Ministirri Albuudaa Kabajamoo Injinar Habtaamuu, Hogganaan Naannoo Gaambeellaa Obbo Umod Ujluu fi Ministirri Ministeera Albuudaa Obbo Miliyoon Maatewos hojii Dhaabbata Albuudaa Etno Godina Gaambeellaa Aanaa Diimaatti argamu daawwataniiru.

Dhaabbanni Albuuda Ethno Godina Gaambeellaa aanaa Diimaatti warqee barbaacha waggoota kudhanii oliif akka ture ni beekama.

Dhaabbatichi eeyyama oomisha warqee argachuun warshaa dhaabuu fi hojiiwwan biroo warqee oomishuuf hojjechaa jira. Raawwiin hanga ammaatti argame gaarii waan ta’eef dhaabbii warshaa xumuree ji’a lama keessatti gara oomishaatti seenuuf karaa irra jira.
Gama biraatiin sadarkaan omishni warqee aadaa fi xixiqqaa naannichaa qondaaltota naannoo fi aanaa waliin gamaaggamameera.

Rakkoolee jiran hiikuudhaan ji’oota dhufan keessatti oomisha warqee fooyya’aa fiduuf karaa irra jira.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *