Tajaajilli Eeyyamaa Fi Galmeessa Daldalaa Kuma 400 Ol Oonlaayiniin Kenname

Baatii sadii kan hinguunne keessatti tajaajilli galmeessaa fi eeyyama daldalaa kuma 400 ol oonlaayiniin kennamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi Hagayya 1, 2015 eegalee kenniinsa tajaajila eeyyamaa fi galmeessa daldalaa sadarkaa biyyaalessaattii gama oonlaayiniin taasisuun ni yaadatama.

Adoolessa 1, 2015 hanga Fulbaana 8, 2016’ttis tajaajila eeyyamaa fi galmeessa daldalaa kuma 401 fi 830 oonlaayiniin kennuu akka danda’ e eereera.

Tajaajilichi dhaabbilee daldalaa sadarkaa federaalaa hanga naannoolee jiranitti kan kenname ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Taajaajila oonlaayiniin kennaman keessaa eeyyama dalalaa haaraa kennuu, haaromsa eeyyama daldalaa, eeyyama hojii daldalaa haquu fi kanneen biroo ta’uun eerameera.

Tajaajilli oonlaayiniin kennaman kunneenis dhamaatii maamiltootaa hambisuu bira darbee baasii fi yeroo kan qusateef ta’uun ibsameera.

Maddi: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *