Manni maree ministeerotaa walga’ii idilee har’a gaggeesseen wixinee labsii sadii fi wixinee imaammataa tokko irratti mari’atee murtee dabarsuu Waajjirri Muummee Ministiraa ifa godheera.

Tokkoffaa, manni marichaa wixinee labsii foyya’ee labsii saamicha lafaa, kaffaltii beenyaa fi deebisanii dhaabuu irratti mari’ateera.
Manni marichaa bal’inaan erga mari’atee booda wixinee labsii kana Mana Maree Bakka Bu’aa Ummatootaaf dabarsee akka ragga’u taasiseera.Ajandaan lammaffaan Manni Maree Ministirootaa irratti mari’atame irratti wixinee labsii Meedaaliyaa,Nishaanii fi Badhaasa irratti ba’e ture.Wixineen labsii kun sirna lammiilee beekamtii itti kennan diriirsuu kan kaayyeffatedha.
Manni marichaa wixinee labsii kanarratti gadi fageenyaan mari’atee akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’aa Ummatootaaf dabarseera.Dhimmi mana maree ministeerotaaf dhiyaate inni biraan wixinee labsii kabaja ayyaana ummataa, boqonnaa, fi akkaataa ayyaanota itti kabajamu ilaalchisee qophaa’e ture.
Dhumarratti Manni Maree Ministirootaa wixinee imaammata industirii manufaakchariingii irratti mari’ateera.Imaammatichi gahee indaastiriin maanufaakchariingii gara dinagdee waliigalaa biyyattiitti cimsuu fi ce’umsa caasaa saffisiisuuf hawwii qaba.Wixineen imaammataa kun Invastimantii Kallattiin Biyya Alaa hawwata, guddisuus ni amanama.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *