Mama Doing Good Huawei waliin ta’uun dubartoonni teeknooloojii argachuu danda’an guddisuuf hojjechaa jira

Dhaabbanni ‘Mama Doing Good’ jedhamu kan Giiftii Duree Keeniyaa Raachel Ruutoon durfamu Huawei waliin ta’uun dubartoota karaa teeknooloojii dijitaalaa humneessuu danda’eera.

Dhaabbatichi waldaalee dubartoota Keeniyaa kuma 14 ol ta’aniif leenjii ogummaa dijitaalaa kennuuf Huwaawee Keeniyaa waliin waliigaltee waliigaltee mallatteessaniiru.

Sirna mallatteessuu kanarratti hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata “Mama Doing Good” Dr. Joon Chumo akka jedhanitti, tumsi Huawei waliin taasifame mul’ata Keeniyaan bara 2030tti galmaan ga’uuf qabdu waliin kan walsimu ta’uu ibsaniiru. Gamtaan isaanii hawaasa haqa qabeessa namni hundi jireenya gammachuu, guutuu fi jijjiiramaa ta’e dubartootaaf dhaqqabamaa taasisuudhaan jiraachuu danda’u uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Itti aanaan hoji gaggeessaan Huawei Kenya Steven Zang akka jedhanitti, sochii hawaasummaa fi dinagdee dubartoota Keeniyaa teknooloojii ammayyaatiin gargaaruuf hojjechaa akka jirru Afrikaa Teek gabaaseera.

Madii: Africa Tech

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *