Magaalaan Sheger guyyaa har’aa ifatti hojii eegaleera.

Magaalaan Sheger guyyaa har’aa bakka preezdaantiin mootummaa naannichaa, Ato Shimelis Abdisaa, qondaaltonni olaanoo naannichaa, kabajamtoonni fi keessummoonni affeeraman argamanitti hojii ishee ifatti eegaluun ishee beeksifameera.

OBN akka gabaasetti magaalaan Sheger magaalota 6 duraan turan tokkoomsuun magaalota xixiqqaa 12 fi aanaalee 36 irraa ijaaramte guyyaa har’aa bakka hoggantoonni mootummaa olaanoo argamanitti ifatti eebbifamuu isaa ibseera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *