Komishinar Jeneraal Damalash G/Mikaa’el Ministeera Nageenya Hawaasaa Chaayinaa Itti aanaa Daarektarri Olaanaa Kutaa Tumsa Idil-addunyaa Komishinar Zhaohui Zhou waliin marii taasisaniiru.

maddi (EPD) jedhamu.
Kabajamoo Koomishinara Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Damalash G/Mikaa’el; Pireezidaantiin Waldaa Hoggantoota Poolisii Baha Afrikaa ammaa kun jila Ministeera Nageenya Hawaasaa Chaayinaa Itti aanaa Daarektarri Olaanaa Kutaa Tumsa Idil-addunyaa Komishinar Zhaohui Zhou tiin durfamu waajjira isaaniitti simatanii jiru.
July 10, 2023 Ministeerri Nageenya Hawaasaa Chaayinaa fi Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa waliigaltee kana akka itti fufu gorsaniiru. Ministeerri Nageenya Hawaasaa Chaayinaa dandeettii fooransikii Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa guddisuuf qabeenyaa fi leenjii Yunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaatti ijaaramaa jiru Giddugala Fooreensikii Deeggaruuf waliigalteerra ga’eera.
Jilli Kabajamoo Komishinar Zhaoui Zhou tiin durfamu waamicha Komishinar Jeneraalaatiin gara biyya keenya dhufee guyyaa har’aa Waajjira Muummee Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa fi Wiirtuu Qorannoo Fooreensikii daawwateera.
Yuunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaatti Giddugala Gahumsa Fooreensikii ijaaramaa jiru ni daawwata jedhamee eegama.
Fulbaana 3, 2016

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *