Dhaabbanni Misooma Industirii Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaa waliin tumsa qabu cimsuu akka barbaadu ibsaniiru

Dhaabbanni Misooma Industirii Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO) hariiroo Itoophiyaa waliin qabu cimsuu akka barbaadu daayreektarri olaanaa dhaabbatichaa Gerd Muller beeksisaniiru.

Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaan Niiw Yoorkitti gaggeeffamaa jira.

Itti aanaan muummee ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Damaqa Makonin konfiraansii cinaatti Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Misooma Industirii Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO) Obbo Gerd Muller waliin mari’ataniiru.

UNIDOn pirojektoota misooma Ityoophiyaa deeggaruuf kutannoo akka qabuu fi nagaa, tasgabbii fi misoomni Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo isaa isa jalqabaa ta’uu Daarektarri Olaanaan kun ibsaniiru.

Dhaabbatichi Sadaasa bara 2023 Addis Ababaatti konfiraansii Idil-Addunyaa akka gaggeessu Gerd Muller Obbo Damaqatti himaniiru.

Obbo Damaqan Daarektarri Muummichaa tattaaffii taasisaniif dhuunfaan galateeffachuun Itiyoophiyaan UNIDO waliin hariiroo cimaa qabaachuu akka barbaaddu himaniiru.

Kana malees, Obbo Damaqan konfiraansii kana cinatti qondaaltota olaanoo mootummoota Awurooppaa fi Baha Giddu Galeessaa waliin mari’achuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Maddi:-(EPD)
Fulbaana 10/2016

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *