Chaayinaan Inishiyeetiiviin Belt and Road hiyyummaa hir’isuufgumaacheera jetteetti

Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Inishiyeetiiviin Idil-addunyaa Belt
and Road Chaayinaan hiyyummaa addunyaa hir’isuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gumaacha akka taasise beeksise.

Dubbi himaan Ministeera Chaayinaa Maa’oo Niing Gumaacha Chaayinaan “Belt and Road Initiative” sagantaa hiyyummaa hir’isuuf qabdu ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii keessatti kaayyoo ijoo ajandaa misooma itti fufiinsa qabuu bara 2013 ta’uu eeraniiru. Waggoota 10 dura kan labsam Inishiyeetiiviin Belt and Road tumsa idil-addunyaatiin kan hojjetamaa jiru ta’uu ibsaniiru, hiyyummaa hir’isuuf dursa kennuudhaan.

Inishiyeetiiviin Belt and Road waggoota kurnan darban keessatti doolaara Ameerikaa tiriliyoona 1 ol invast gochuu fi daandii babal’isuun lammiilee miiliyoona 40 hiyyummaa keessaa baasuu isaa ibsaniiru.

Keessattuu piroojektichi namoota kutaalee addunyaa adda addaa keessa jiraatan wabii nyaataa isaanii mirkaneessuu fi hojii tumsa qonnaatiin deeggarsa namoomaa akka argatan taasisuu isaa ibsaniiru.

Kana malees, pirojektoonni invastimantii industirii fi bu’uuraalee misoomaa bu’uura pirojektii Belt and Road jalatti hojjetaman addunyaa guutuutti carraa hojii hedduu uumuu isaanii Zyinhuan gabaaseera.

Maddii: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *