Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa waggoota 10 darbanitti karaa tajaajila baankii CBE Nuur herrega kuufamaa Birrii biiliyoona 100 ol walitti qabuu beeksise.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa waggaa 10ffaa eegaluu Tajaajilli Baankii Dhala Bilisaa (CBE Nuur) Magaalaa Jimmaatti kabajeera.
Akka Itti Aanaa Pireezidaantii Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Nuurii Huseen jedhanitti waggoota 10 darbanitti CBE Nuur maamiltoota miiliyoona 6.5 maddisiisuu danda’eera.
Bakka qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu argamanitti maamiltoota waliin kenniinsa tajaajila baankii CBE Nuur irratti mariin gaggeeffameera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *