Kabajamoo Obbo Ahmed Shide Ministira Maallaqaa Chaayinaa Liyuu Kuun irraa Beejiingitti

Jilli sadarkaa olaanaa Ityoophiyaa Ministira Maallaqaa Federaalaa Ahimad Shiideen durfamu, tumsa diinagdee biyyoota lamaanii cimsuu irratti gita isaanii Rippabiliika Ummata Chaayinaa Liyuu Kuun waliin Beejiingitti mari’ataniiru.

Obbo Ahmed Shideen deeggarsa itti fufiinsaan Ityoophiyaan hiyyummaa fi jijjiirama dinagdee biyyattii keessatti guddatu irratti taasiftu dinqisiifataniiru. Tumsi daldalaa fi invastimantii Chaayinaa fi Afrikaa yeroo hunda guddachaa dhufe wal kabajuu, dantaa waloo fi walabummaa imaammataa irratti kan hundaa’e ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Liyuu Kun jila kana ho’aan simachuun muuxannoo waliin qaban, akkaataa Chaayinaan dinagdee ishee guddifachaa jirtuu fi bu’aa qabatamaa fi nama hin amansiifne kan yeroo gabaabaa keessatti namoota miliyoona 800 ol hiyyummaa keessaa baase ibsaniiru.

Obbo Liyuu Kuun walta’iinsa diinagdee biyyoota lamaanii daran guddisuuf Ministeera Maallaqaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *