Biyyoonni Eeshiyaa hariiroo isaanii cimsuu yoo itti fufan jijjiirama addunyaa irratti mul’atu salphaatti dandamachuu danda’u – Li Chiang

Addis Ababa, Qaammee 1/2015 Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Chiyaang biyyoonni Eeshiyaa hariiroo isaanii cimsuu yoo itti fufan jijjiirama haaraa addunyaa irratti mul’atu salphaatti dandamachuu akka danda’an himaniiru.

Walgahiin Chaayinaa fi Eeshiyaa 26ffaan Indooneezhiyaa magaalaa Jaakaartaa keessatti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansii kanarratti Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Chiyaang tumsi Chaayinaa fi biyyoota Eeshiyaa biroo gidduu jiru yeroo dheeraaf yeroo rakkisaa hedduu keessatti osoo hin raafamne turuu danda’uu eeraniiru.

Chaayinaa dabalatee biyyoonni Eeshiyaa nagaa fi misooma naannoo milkeessuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni kunneen hariiroo isaanii cimsuu yoo itti fufan jijjiirama haaraa addunyaa irratti mul’atu salphaatti dandamachuu akka danda’an dubbataniiru.

Muummichi ministeeraa Chaayinaa fi biyyoonni Eeshiyaa fedhii misoomaa cimaa akka qaban ibsaniiru. Biyyoonni kunneen naannoo Eeshiyaatti nagaa fi misooma dagaagsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

CGTN akka gabaasetti walgahiin Eeshiyaa-Chaayinaa 26ffaan guyyaa lammaffaa isaa irra gahe, guddina ardii kanaa fi egeree tumsaa irratti mari’achaa jira.

Maddi: CGTN irraa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *