Ministirri qonnaa Girmaa Amente (Dr) Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Chaayinaa Zaahoo Ziyuwaan waliin mari’ataniiru.

(Addis Ababa, Fulbaana 27/2023) C, Ministeera Qonnaa)

Ministirri Qonnaa Girmaa Amente (Dr) deeggarsa bal’aa Chaayinaan damee qonnaa Itoophiyaa ammayyeessuuf gootu irratti ambaasaaddara Chaayinaa Zaahoo Ziyuwaan waliin mari’ataniiru.

Marii isaanii keessatti Chaayinaan damee qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf ogeessota damee kanarratti hojjetaniif leenjii ijaarsa dandeettii akka kennitu eeraniiru.

Kana malees, haala invastimantii qonnaa biyya keenya keessatti mul’atu fayyadamuun, invastaroota Chaayinaa damee qonnaa Itiyoophiyaa keessatti akka hojjetan kan dandeessisu hojiin akka hojjetamu marii kanarratti ibsameera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *