Invastaroota Chaayinaa paarkiiwwan indaastirii keessatti akka oomishaniif tattaaffii ni taasisa jedheera koreen kun

Invastaroota Chaayinaa paarkiiwwan indaastirii Itiyoophiyaa keessa seenanii oomishuuf akka hojjetan koreen korporeeshinii michummaa Itiyoo-Chaayinaa beeksiseera.

Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Akliiluu Taaddasaa Pireezidaantii Koree Korporeeshinii Michoomaa Ityoo-Chaayinaa Beetii Zhou waliin mari’ataniiru.

Marii isaanii keessatti invastaroota omishaa korporeeshinii michummaa Itiyoo Chaayinaa jala jiran dhimmoota hojjetamuu qaban irratti paarkiiwwan indaastirii keessa seenanii oomishuu akka qaban gorsaniiru.

Obbo Akliluun filannoowwan invastimantii paarkiiwwan industirii fi naannoo daldala bilisaa, bu’uuraalee misoomaa oomishtootaaf mijatoo ta’anii fi onnachiiftuu invastimantii ibsaniiru.

Beettii Zhou gama biraatiin invastaroota Chaayinaa paarkiiwwan industirii keessatti oomishuuf akka hojjetan kan dubbatan yoo ta’u, kanaafis waliin hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Akka odeeffannoo korporeeshinichaatti invastaroota omishaa Chaayinaa 100 ol ta’an korporeeshinii michuu Itiyoo Chaayinaa jalatti dameewwan konkolaataa, maashinarii, oomisha qonnaa qopheessuu fi dameelee oomishaa biroo irratti bobba’an jiru.

Chaayinaa keessatti waltajjii invastimantii qooda fudhattoota hammate qopheessuuf waliigalteerra ga’amuus ibsameera.

Maddi: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *