Hojii dhaabe kan ture Huajan Light Industry hojii jalqabuuf jedha.

Guraandhala 27/2015 (E.M.) Ameerikaatti gibira irraa bilisa ta’uu haqamuu isaatiin waggoota lamaan darbaniif hojii dhaabe kan ture Huajan Light Industry kaa’uuf gargaaruuf mariin gaggeeffameera.
Ministirri indaastirichaa Obbo Malaakuu Alabel abbaa qabeenyaa Huajan Light Industry Huarong Zhang waliin marii taasisaniin indaastirichi yeroo dhiyootti guutummaatti hojiirra akka oolu himaniiru.
Abbaan indaastirichaa indaastiriin oomisha kophee biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa taasisuu fi invastaroota Chaayinaa haaraa hawwachuuf ni yaalna jedhan.
Ministirri kun itti dabaluudhaan indaastirichaaf deeggarsa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *