Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa invastimantii Chaayinaa Ityoophiyaa keessatti deeggarsa gochuuf waadaa seene.

Invastimantii Chaayinaa Ityoophiyaa keessatti cimsuuf deeggarsa barbaachisu taasisuuf waadaa galuu isaa Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaa mirkaneesse.

Itti aanaan komishinara Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Obbo Daani’eel Tarreessaa fi Itti aanaan preezdaantii Fandii Misooma Chaayinaa-Afrikaa (CADFund) Obbo Luu Weenjiyaan kakaa kana irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Akka ibsi Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa (EIC) ibsutti, walgahichi tumsa diinagdee biyyoota lamaanii daran cimsuu fi invastimantii itti fufiinsa qabu dagaagsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Walgahichaan Komishinarri Mootummichaa deeggarsa barbaachisaa taasisuu fi invastimantii Chaayinaan Ityoophiyaa keessatti qabdu cimsuuf kutannoo qaban ibsaniiru.

Maddi: FBC

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *